Fana: At a Speed of Life!

Weellisaan buleessi Alamayyoo Isheetee boqate

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)- Weellisaan buleessi Alamaayyoo Isheetee du’aan addunyaa kanaarraa boqateera

Sirbasaa ‘Temaar Lijee’ jedhu dabalatee sirbootasaan baroota hedduu lakkoofsisaniin miiraa namoota hedduu kan booji’uu muziiqeessaan Alamayyoo Isheetee Hagayya 27, 2013 halkan walakkaa tasa lubbuun isaa darbuu beekameera.

Weellisaan kun sirbasaa ‘baradhuu ilmakoo halkanni aduudhaa kan hin baranneef ammoo guyyaan dukkanaa….’ Jedhuun miiliyoonataa booji’eera.

Faanaa Broodkaastiing Koorpooreet boqachuu weellisaa Alamayyoof gaddaa itti dhaga’aamee ibsuun maatisaaf, firaattoonnii fi dinqisifattoota isaaf jajjabina hawweera.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.