Fana: At a Speed of Life!

Wayita qalmaa gogaa fi kal’eef of eeggannoon taasifamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Eebla 5, 2015(FBC)- Wayita qalmaa gogaa fi kal’eef of eeggannoon taasifamuu akka qabu Ministeerri Qonnaa ibse.

Gogaa fi kal’een qabeenya biyyattiif sharafa alaa argamsisan keessaa tokko ta’uu eeruun, wayita qalmaa of eggannoo barbaachisaan taasifamuu akka qabu ministeerichi ibseera.

Akka biyyattiitti waggaa waggaan gogaan horii gaanfaa miiliyoonni 2.87, kal’een hoolaa miiliyoonni 8.05 fi kal’een re’ee miiliyoonni 8.75 kan oomishamu ta’uu eerameera.

Gogaa fi kal’een ,dinaagdee ,carraa hojii uumuu fi sharafa alaa argamsisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsameera.

Wayita qalmaa horii qalmaaf dhiyaatu uleen rukutuu dhiisuu, yeroo qalmaaf qopheessan lafaan rukutuu dhiisuu, bakka qalmaa qulqulleessuu, gogaafi kal’een akka hin uramnee of eeggannoo taasisuu, horii qalmaa lafarra harkisuu dhiisuun of eeggannoon godhamuu akka qabu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.