Fana: At a Speed of Life!

Wayita kirkirri lafaa mudatu maal gochuu akka qabdan beektu?

Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Yeroo ammaa naannawaa Awaash Fantaalleetti kirikirri lafaa reektara iskeelii garaagaraa galmeessise mudachaa jira.

Wayita kirkirri lafaa mudatutitti of eeggannoowwan taasifamuu qaban-

#Manaan_ala_yoo_jiraattan:

Mukkeen, gamoowwan, utubaalee elektirikii fi kanneen biroon kufanii akka midhaa hingeessisneef irraa fagaachuun dirreerratti ba’uu,

#Mana_keessa_yoo_jiraattan:

Michichila balbalaa, koornarii fi kooriidariitti siqanii darbuu akkasumas sunsuma ibiddaa, faaya manaa fannifaman, naannawaa kaa’umsa kitaabilee, foddaawwan irraa fagaachuu fi wantoota ibidda qabsiisuu danda’an dhaamsuu yookaan naannawicharraa fagaachuu,

#Gamoo_guguddaa_keessa_yoo_jiraattan

Gamoowwan sana keessaa ba’uuf yaaluu dhiisuu, teeknooloojii liiftii gamichaatti gonkumaa fayyadamuu dhiisuu fi naannawaa sadarkaalee gamichaarraa fagaachuu,

#Konkolaataa_konkolaachisaa_yoo_jiraattan

Naannawaa utubaalee sarara elektirikii, mukkeenii fi shiboo dhaabbachuu dhiisuu, konkolaataarratti utubaaleen elektirikii yoo kufe, konkolaataa keessaa ba’uu dhiisuuf yaaluu, saffisa danda’ameen dirreerra konkolaataa dhaabuu fi eeggannoo biroo taasisuun akka barbaachisu Inistitiyuutiin Ji’ooloojikaalii Itiyoophiyaa gama miidiyaa hawaasummaa isaan beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.