Fana: At a Speed of Life!

Wayita hawaasatti makamne ambaasaaddara nagaa taanee hojjenna -Eebbifamtoota leenjii haaromsaa marsaa 3ffaa Mana Sirreessaa Shawaa Roobiit

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraatti leenjii haaromsaa marsaa 3ffaa guyyoota 10’f koomaand Poostii Shawaa Roobiitiitti leenji’aa turan 161 eebbifamaniiru.

Kanneen leenjii Giddugala Leenjii Haaromsa Shawaa Roobiitiitti hirmaatan hidhamtoota Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa, Bulchiinsa Godina saba Oromoo fi Bulchiinsa Magaalaa Dabra Birhaanidha.

Eebbifamtoonni kunneen turtii mana amala sirreessaa kana keessatti namuusa gaarii horachuu Qindeessaan giddugalichaa Komaandar Habtaamuu Fidaan ibsaniiru.

Wayita hawaasatti makaman naannoo isaanii nagaa taasisuuf itti gaafatamummaan akka hojjetan dhaamaniiru.

Duula miidiyaa hawaasaatiin gowwoomfamanii miiraan gara gochaa badiitti seenuu leenjifamtoonni dubbataniiru.

Wayita hawaasatti makaman ambaasaaddara nageenyaa ta’anii kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Qajeelcha Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.