Wayita gabaa ayyaanaa hawaasni maallaqaa sobaa of eeggachuu qaba jedhame
Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Bittaa fi Gurgurtaa gabaa Ayyaanaarratti hawaasni maallaqa sobaa of eeggachuu akka qabu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii hubachiise.
Waliin dhahiinsa maallaqa yeroo gara yerootti mala jijjiirrachuun raawwatamu hawaasni of eeggannoo taasiisuu akka qabu Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Uummataa fi Kominikeeshinii tajaajilachaa Obbo Indaalaa Asaffaan ibsaniiru.
Waliin dhahiinsa miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun raawwatamurraahis hawaasni of eeggachuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Ayyaana karaa nagaa fi tasgabbiin kabajuuf adeemsa bittaa fi gurgurtaa raawwatu kamirrattuu of eeggannoo taasiisuu akka qabu ibsaniiru.
Wayita wantoonni nama shakkisisaan mul’atan qaamolee nageenyaa dhiyaanyatti argamuuf eeruu laachuu akka qaban Obbo Indaalaan gaafataniiru.
Yohaannis Darriboowtu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.