Fana: At a Speed of Life!

Warshichi wabii nyaataa mirkaneessuuf fi carraa hojii uumuuf kan tumsudha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)- Warshaan Daabboo Naqamteetti ijaarame wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu hawaasa fayyadamaa tasisuuf kan tumsu ta’uu Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo waliin Magaalaa Naqamteetti argamuun Warshaa Daabboo Waajjira Giiftii Dureetiin hojjetame eebbisiisaniiru.

Warshaan Daabboo Waajjira Giiftii Dureen Birrii miiliyoona 100’tti siquun ijaarame kunis kutaalee hawaasaa galii giddugaleessaa argatan fayyadamaa taasisuun kaayyoo mootummaan wabii nyaataa mirkaneessuuf qabate tumsuu cinaatti carraa hojii bal’aa hawaasa naannichaaf kan umuudha.

Waajjirri Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo warshaalee daabboo kutaalee biyyattii garaagaraatti ijaaru cinaatti, akka naannoottis ta’ee akka biyyaatti hojjiilee gama barnootaa, dhiyeessii nyaataa fi dhimmoota waliigalaa hawaasummaa irratti hojjetuun qaamolee hawaasaa hedduu fayyadamoo taasisaa jiraachuu himaniiru.

“Aadde Zinnaash kabaja biyyaa akkasumas aantummaa ummataa hojii qabatamaan agarsiisaa jiraniif maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada” jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.