Warshichi guyyaatti qorichoota farraa Ilbiisotaa fi Aramaa liitira miiliyoona 3 .5 ol oomishaa jiraachuu beeksise
Finfinnee, Ebla 25, 2016 (FBC) –Warshaan farra Ilbiisotaa Adaamii Tulluu guyyaatti qorichoita farra Ilbiisotaa fi Aramaa liitira miiliyoona 3.5 ol oomishaa jiraachuu beeksiseera.
Warshichi qoricha farra Ilbiisaa jajjaboos guyyaatti kiiloo giraama miiliyoona 1.5 oomishaa jiraachuu Itti Aanaa hojii Gaggeessaan warshichaa Obbo Feysaal Huseen himaniiru.
Kana dura oomisha isaa gara Sudaan, Jibuutii fi Somaalii Laanditti erguun galii argachaa turuu himuun, yeroo ammaa Oomishaa fi Oomishtummaan qonnaa biyyaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu dubbataniiru.
Qorichoota kanneen gatii madaalawaan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa akka jiru eeraniiru.
Oomishni Warshichaa qonnaan bultoota naannolee hundaaf Raabsamaa jiraachuu Dursaan Garee Gurgurtaa Gabaa Obbo Faqqadee Dabalaan himaniiru.
Midhaksa Qachaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia