Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Zayitaa Avookaadoo 2ffaan hojii eegale

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC) – Warshaan Zayitaa Avookaadoo 2ffaan hojii eegaluu ibsameera.
Warshaan Zayitaa Avookaataa Birrii miiliyoona 104 Paarkii Indaastirii qindeessaa oomishaalee qonnaa Yirgaaleem keessatti ijaarrame Avookaadorraa zayita oomishuun gara alaatti erga jedhame.
Qonnaan bultoota Avookaadoo oomishan kuma 40 waliin walitti hidhamiinsi uumamuu hojii gaggeessaa olaanaan Warshichaa obbo Taammanaa Goobanaa ibsaniiru.
Warshaan kun hojii eegaluun isaa qonnaan bultoota naannichaaf galii dhaabbii kan uumu ta’uu obbo Taammanaan eeraniiru.
Warshichi adeemsa oomishaa keessatti galteen alaa barbaadu waan hin jirreef sharafa alaa argamsiisuuf qooda olaanaa qabaachuu ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.