Fana: At a Speed of Life!

Warshaan oomisha konkolataa Birrii miiliyoona 700 ijaarame eebbifame

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Warshaan konkolaataa biyyaa keessatti walitti hidhun oomishu baasii Birrii miiliyoona 700 oliin ijaarame eebbifamera.

Warshichis Naannawaa Daldala Walabaa Dirree Dawaatti Waldaa “Elauto” Injiinariingii fi Tireediingii Itti Gaafatamni Isaa Murtaa’een kan ijaarameedha jedhameera.

Sirna eebbichaarratti Hoji Gaggeessaan Koorporeeshinii Misoomaa Parkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Sandookaan Dabbabaa, Ityoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf imala taasifamu keessatti pirojektoota walfakkaataan kutaalee biyyatti birootti ijaaruun cimee itti fufu qabu jedhan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadiir Juhaar gama isaaniin, abbootii qabeenyaa hojiilee akkanaa hojjetaniif bulchiinsi magaalichaa deeggarsa akka taasisu beeksisaniiru.

Warshichi yeroo ammaa guyyaatti konkolaattota 20 oomishuun gabaaf dhiyeessaa jiraachuun eerameera.

Dhaabbatichi humna guutuun wayiita hojiitti seenuu lammiilee 400 oliif carraa hojii kan uumu ta’uun ibsameera.

Nasiruu Yuusuuftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.