Fana: At a Speed of Life!

Warshaan oomisha Biqilaa Suflee Maalt Ityoophiyaa jedhamu bakka MM Abiy Ahimad argamanitti eebbifamaa jira

Warshaan oomisha Biqilaa Suflee Maalt Ityoophiyaa jedhamu bakka MM Abiy Ahimad argamanitti eebbifamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) –

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Warshaan oomisha Biqilaa Suflee Maalt Ityoophiyaa jedhamu bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti eebbifamaa jira.

Warshaan kun Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti baasii Yuuroo miiliyoona 60’n ijaarramuu ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkoota Indsaatirii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Warshichi waggaatti biqila toonii kuma 60 oomishu danda’a jedhameera.

Qonnaarratti kan hojjetuu dhaabbati Inviivoo Giruup Faransaayiin jalatti waamamu biyyoota 38 keessatti warshaalee qindeessaa oomishaalee qonnaa qaba jedhameera.

Muummeen Ministiraa sirna eebbichaarratti argamuun, warshichi qonnaan bultoota kuma 50 ol ta’an waliin hariiroo uumuun, waggaatti biqila toonii kuma 60 ol oomishuu ni danda’a jedhaniiru.

Akkasumas oomishaalee biyya alaa kan biyya keessaatiin bakka buusuuf tattaaffii taasifamuu kan deeggaruudha jedhan.

Ityoophiyaan abbootii qabeenyaa hojii invastimantiirratti bobba’an simachuu fi haalota mijatoo ta’an uumuuf qophiidha jedhan MM Abiy Ahimad Fuula miidiya hawaasa isaaniin ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.