Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Omisha Sibiilaa baasii Birrii biiliyoona 6‘n Maqaleetti ijaaramuufi

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Warshaan Omisha Sibiilaa baasii Birrii biiliyoona 6’n tumsa Abbootti qabeenyaa Itiyoophiyaa fi Chaayinaan Magaalaa Maqaleetti ijaaramuufi.

Warshichi baatii kudhan keessatti ijaaramee kan xumuramu yoo ta’u, sagantaa hojii eegalchiisuu warshicha gaggeeffameera.

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi Obbo Geetaachoo Raddaa, warshaa tumsaan ijaaramu, Indaastirii Sibiilaa Leejandi Dhaabbata Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan Isaa Murtaa’e, dargaggoota hedduuf carraa hojii kan uumuu ta’uun deeggarsi barbachisuu ni taasifamaaf jedhaniiru.

Warshaan oomisha sibiilaa kun %75 Abbaa Qabeenyaa Itiyoophiyaa Injiinar Yaared Tasfaayeen, %25 immoo Abbaa qabeenyaa Chaayinaa Lii Yuun kan ijaaramu ta’uu Qindeessaan Piroojektichaa Obbo Saamsoon Gabramaadiin ibsuu TOI gabaaseera.

Warshichi wayita ijaaramee xumuramu lammiilee kuma 6’f carraa hojii kan uumu ta’uun ibsameera.

Kantiibaan Magaalaa Maqalee Obbo Yitbaarak Ammahaan gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa ijaarsa Warshaa Oomishaa Sibilaa Leejaandiif deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.