Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Daabboo Waajjira Giiftii Dureen Samaraatti ijaarame eebbisiifame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Warshaan Daabboo Waajjira Giifti Dureen Naannoo Afaar Magaalaa Samaraatti ijaarame eebbisiifameera.

Warshichi bakka Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon argamanitti eebbisiifameera.

Warshaan kun warshaa daabboo waajjirichaan Kanaan dura ijaarsifamaniin dandeettii walfakkaataa qaba jedhameera.

Guyyaattis qamadii kuntaala 420 daakuu fi  sa’aatii 24 keessatti daabboo kuma 300 tolchuu akka danda’u ragaan Waajjira Giiftii Dureerraa argame ni mul’isa.

Warshaan kun lammiilee galii gadi aanaa qaban bu’uura godhachuun warshaalee daabboofi daakuu naannolee garaagaraatti ijaaraman 14 keessaa tokko ta’uun himameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.