Warshaan Daabboo Shaggar torbanoota darban irraa kaasee daabboo dhiyeessaa kan hin jirre ta’uu ibsame
Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Warshaan Daabboo Shaggar torbanoota darban irraa kaasee hawaasaaf daabboo dhiyeessaa kan hin jirre ta’uu ibsame.
Faanaa Broodkaastiing Koorporeet magaalaa Finfinnee bakkeewwan garaagaraatti daawwannaa taasisuun suuqiiwwan gurgurtaa daabboo Shaggarii fi fayyadamtoota irraa akka odeeffatetti dhaabbatichi baatii tokkoo oliif daabboo dhiyeessaa kan hin jirre ta’uudha.
Sababa dhiyeessiin daabboo dhaabbateef Kutaaleen hawaasaa jireenya gadi aanaa keessa jiranii fi hojjettoonni suuqiiwwan kanneenii hojii waan dhaabaniif rakkoo keessa jiraachuu ibsaniiru.
Warshichi baatii kana keessa daabboo dhiyeessuu kan dadhabeef gatiin galtee dabaluu fi suphaa maashinii taasifamaa jiruun irraa kan ka’e ta’uu hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Adam Nuur ibsaniiru.
Rakkoo kana hatattamaan furuun gara hojiitti akka galuuf ni hojjetama jedhaniiru.
Gama biraan ijaarsi warshaa daabboo Waajjira Giifti Dureen ijaaramaa jiru cimee itti fufuu eeraniiru.
Hogganaan Kominikeeshinii fi beeksisaa Meedrook Invastimant Giruup obbo Makonnin Tashoomaa gamasaaniin rakkinichi kan mudate sababa hanqina galtee fi suphaa maashinii gaggeeffamaa jiruun ta’uu fi yeroo dhiyootti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun rakkinicha furuun gara hojiitti kan seenu ta’uu eeraniiru.
Siisay Geetinnattu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.