Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Daabboo Karrayyuu Birrii miiliyoona 58 ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen warshaa Daabboo Karrayyuu Birrii miiliyoona 58 oliin ijaarrame eebbisuun hojii eegalchiinsan.

Warshaan Daabboo kun magaalaa Finfinneetti deeggarsa Abbaa Qabeenyaa dhuunfaan kan ijaarrame ta’uu ibsameera.

Warshichi yeroo ammaa guyyaan daabboo kuma 250 oomishuun hojii kan eegale yoo ta’u, wayita guutummaatti hojiitti gale ammoo guyyaan Daabboo miiliyoona 1 ol oomishuu danda’a jedhame.

Ammaaf namoota 30 oliif carraa hojii kan uume yoo ta’uu, yeroo itti aanu namoota 150f carraa hojii uumuu danda’a jedhan Abbaan Qabeenyichaa Mahiihubbaa Sayid.

Maahileet Taklabirihaanii fi Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.