Fana: At a Speed of Life!

Warshaan chiipsii Birrii miiliyoona 750’n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Hagayya 14, 2014(FBC)- Magaalaa Hawaasaatti warshaan chiipsii Birrii miiliyoona 750’n ijaarame eebbifameera.

Meedirook Invastimanti Giruuppiin kan ijarame warshichi yaa’iinsaa invastimantii magaalichaa akka dabaluu Hoji Gaggeessan Dhaabbatichaa Obbo Jamaal Ahimad ibsaniiru.

Warshichi guyyaatti mosee toonii 36 kan daakuu, marsaa jalqabaan lammiilee 242’f carraa hojii kan uumuu fi oomishtoota mosee naannawichaa fayyadamtootaa kan taasisuudha jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Hawaasaa Tsaggaayee Tukkee gama isaaniin, dhaabbatii Meedirook hojii invastimantii magaalichaatti hojjechaa jiruun carraa hojii lammiileef uumuu bira darbee, tuuriizimii magaalichaa akka guddisu hmaniiru.

Xlaahuun Yilmaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.