Fana: At a Speed of Life!

Warshaaleen sukkaaraa afur gara hojiitti deebi’uun ibsame

Finfinnee, Amajjii 21, 2015 (FBC)- Warshaaleen sukkaaraa afur baatii Mudde fi Amajjii gara oomishaatti kan deebi’an ta’uu Giruuppiin Indaastirii Sukkaaraa Ityoophiyaa beeksiseera.

Hanga ammaatti Warshaaleen sukkaaraa Fincaa’aa, Wanjii, Omoo Kurraaz 2 fi 3 suphaan waliigalaa xumuramuun gara oomishaatti seenuu Itti Gaafatamaan Kutaa Quunnamtii Ummataa fi Hirmaannaa Giruuppii Indaastirii Sukkaaraa Ityoophiyaa Obbo Rattaa Dammaqaan FBC’f ibsaniiru.

Akkasumaa, Warshaaleen Sukkaaraa Xaanaa Balaas, Kasam, Arjoo Dhidheessaa fi Matahaaraan baatii Amajjii xumurarraa eegalee hanga Bitootessaatti oomishaatti akka seenan eerameera.

Hanqina dhiyeessii sukkaaraa bu’uureffachuun baatiiwwan muraasa darban waldaalee shamattootaaf qoodni kennamaa ture %25 turuu yaadachiisanii, Baatii Amajjiirraa eegalee %50 argatu jedhaniiru.

Warshaaleen hunduu gara hojiitti oggaa seenan oomisha sukkaaraa alaa galu dabalatee qoodni kennamuuf %100 akka ta’uu eeraniiru.

Dhiyeessii oomisha sukkaaraa dabaluuf alarraa bittaan kan galu dabalatee warshaaleen oomisha sukkaaraa biyya keessaa wayiita oomishaatti akka seenaniif xiyyeeffannaan kennamuu ibsaniiru.

Yohaannis Daarribowutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.