Fana: At a Speed of Life!

Warshaaleen Simintoo sababa hanqina dhagaa cilee fi rakkoolee dhiyeessii garaagaraatiin oomisha dhaabaa jiru – Waldaa Oomishitoota Simintoo

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Warshaaleen Simintoo sababa hanqina dhagaa cilee fi rakkoolee dhiyeessii garaagaraatiin oomisha dhaabaa jiraachuu Waldaan Oomishitoota Simintoo beeksise.
Warshaaleen Simintoo sababa hanqina dhagaa cilee fi rakkoolee dhiyeessii garaagaraatiin sadarkaa oomisha dhaabuu irra ga’aa jiraachuu hoggantoonni Waldichaa himaniiru.
Warshaaleen tokko tokko immoo rakkicha dandamachuun walakkaan oomishaa jiraachuu kaasaniiru.
Warshaaleen Simintoo East, Ethio fi Habashaa kanneen rakkoo kanaaf saaxilaman ta’uu himaniiru.
Rakkoon nageenyaas dhiibbaa uumaa akka jiru kaasaniiru.
Ministeera Albuudaatti Daarkteerri Qunnamtii Uummataa, Aadde Firehiyiweet Fiqaaduu gama isaaniitiin, rakkoo kana furuuf hanqina dhiyeessiirratti qaban akka beeksiisan warshaalee oomishittoota simintoo fi waldichaaf xalayaa ergamus hanga ammaatti deebii hin arganne jedhan.
Dhiyeessii hanqina irratti qaban tartiibaan yoo dhiyeessan furmaata argachuu akka danda’an Aadde Firehiyiwat ibsuu OBN gabaasera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.