Fana: At a Speed of Life!

Warshaaleen guyyaatti daabboo miiliyoona 1 tolchan boruu eebbifamu

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Warshaaleen guyyaatti daabboo miiliyoona 1 oomishuu danda’anii sadii fi giddugaloonni nyaataa lama guyyaa boruu Finfinneetti ni eebbifamu.

Warshaaleen eebbifaman kunneen guyyatti daabboo miiliyoon 1 tolchuuf dandeetti kan qaban yoo ta’u guutummaatti wayita hojii eegalanis guyyaatti hanga daabboo miiliyoona 1.6 oomishuu danda’u jedhameera.

Giddugaloonni nyaataa lamaan eebbifamanis, giddugaloota nyaataa magaalichatti argaman 19’n kan ga’u ta’uu ragaan waajjira kantiibaarraa argame ni argisiisa.

Pirojektoonni lameen qaala’iinsa jireenyaa salphisuuf bulchiinsi magaalichaa tajaajila tola ooltummaa Gannaan, abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen ittigaafatama hawaasummaa isaanii akka bahataniif tattaaffii taasifameen kan ijaarame ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.