Warshaalee Simmintoon ala kanneen biroo guyyaa jala bultii ayyaanaa madda kuusaa olaanarraa humna Elektirikii akka hin fayyadamne gaafatame
Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Warshaalee Simmintoo fi Indaastirii al ergiin ala kanneen biroo guyyaa jala bultii ayyaanaa madda kuusaa olaanarraa humna Elektirikii akka hin fayyadamne Tajaajilli Humna Elektirikii Ityoophiyaa gaafate.
Tajaajilli Humna Elektirikii Ityoophiyaa guyyaa jala butii fi ayyaanaa hanqina humnaa muudachuu danda’u hir’isuuf yoo muudates saffisaan hojii suphaa raawwachuuf koree hundeessee qophii barbaachisu taasiisuu ibseera.
Hanqina humnaa muudachuu danda’u hir’isuuf Warshaalee Simmintoo fi Indaastirii al ergiin ala kanneen biroo Qaammee 5, 2013 ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee hanga halkan sa’aatii 4:00tti madda kuusaa olaanarraa humna Elektirikii guutumaan guutuutti akka hin fayyadamne gaafateera.
Maamiltoonni wayita dhiibbaan hin baay’anne galgala sa’aatii 4:00 hanga barii sa’aatii 11:00 yoo fayyadaman humna fooyya’aa kan argatanii fi ciccituu humna elektirikii hambisuuf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu ibsuu isaa ragaan Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.