Fana: At a Speed of Life!

Warshaa keemikaalaa Awash Malkaasaa dandeetti oomishaa isaa guddisuuf ni hojjenna-Inj. Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Rakkoolee Warshaa keemikaalaa Awash Malkaasaa furuun daandeetti oomishuu isaa guddisuuf ni hojjenna jechuun Injiinar Taakkalaa Uumaan dubbatan.

Injiinar Taakkalaa Uumaa miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, guddina indaastirii biyyootaaf bu’uura kan ta’e Salfarik Asiidii kan oomishu Warshaa Keemikaalaa Awash Malkaasaa daawwataniiru.

Warshichi keessumaa xaa’oo biyya keessatti oomishu akka danda’utti oomisha akka hinjirre ibsaniiru.

Oomishichis damee qonnaa fi indaastiriif gaheen qabaatu wayita ilaalamu warshichaaf deeggarsa taasisuun filmaata olaanaa ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis, rakkooleen warshichaa furamuun, dandeettiin oomishtummaa isaa akka guddatuuf kan hojjetamu ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.