Fana: At a Speed of Life!

Warshaa Huccuwwaanii ‘Ayika Addis’ duraanii hojiitti galchuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)-Kanaan duraa Ayikaa Addis jedhamuun kan waamamuu fi bifa haaraan “Warshaa Huccuwwanii Bulukkoo Integireetid” jedhamuun kan gurmaa’ee gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Indaastirii ibse.

Qondaaltonni olaanoo ministeerichaa Warshicha daawwachuun qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ataniiru.

Warshichi, waggoottan afran darban hojii dhaabee kan ture yoo ta’u, carraalee hojii kuma 7 fi faayidaa diinagdee olaanaa qabaachaa akka ture ibsameera.

Daawwanaan taasifames warshichi guddina diinagdee keessatti gumaacha qabu bifa haaraan gara hojiitti deebisuuf, tumsa barbaachisaa taasisuuf kan kaayyeffate ta’uun eerameera.

Warshichas Naannoon Oromiyaa, abbootii qabeenyaa dhuunfaa waliin ta’uun gara hojiitti galchuuf ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ministeerichi sosochii “Ityoohiyaan haa Oomishtuu” warshaalee cufamanii fi indaastiriiwwan dhaabbatan gara hojiitti akka galaniif qajeelfama deeggarsaa fi hordoffiin, deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.