Fana: At a Speed of Life!

Warshaa Awutoobisoota walitti hidhu ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ame

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Paarkii Indaastirii Maqalee keessatti Warshaa Awutoobisoota walitti hidhu Birrii miiliyoona 564 ijaaruuf dhagaan bu’uraa kaa’ameera.

Dhaabbanni biyya keessaa Galiilaa Maanufaakcheriing jedhamu Paarkii Indaastirii Maqalee keessatti warshaa kana ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.

Dhaabbatichi waayita guutummaatti hojii eegalu lammiilee hedduuf carraa hojii kan uumuu ta’uu ragaan Korporeeshinii misooma Paarkiwwan Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.