Fana: At a Speed of Life!

Warraaksi Maawu Maawu Mootummaa Ingiliiz beenyaa Doolaara Tiriiliyoona 2.2 gaafate

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC) – Warraaksii Maawu Maawu Keeniyaa miidhaa Mootummaan Ingiliiz waayita bittaa kolonii raawwateef beenyaa Doolaara Tiriiliyoona 2.2 gaafateera.

Fincilli Maawu Maawu kun bara Faranjootaa 1952 kan hundaa’e yoo ta’u, Keeniyaan bara 1960 gita bittaa kolonii Ingiliiz jalaa bilisa akka baatu qabsaa’aa turuun kan yaadatamuudha.

Warraaksichi Keeniyaan erga bilisoomtee jaarraa walakkaa oliif sagalee dhageessisaa tureera.

Yeroo ammaa ammoo badii Ingiliiz raawwatteef beenyaa Doolaara Tiriiliyoona 2.2 gaaffachuu ibsameera.

Garichi Mootummaan Ingiliiz yakka namoomaa lammiilee Keeniyaarratti raawwateef Shilingii Keeniyaa Tiriiliyoona 34 yookaa Doolaara Tiriiliyoona 2.2 gaaffachuu isaa ‘TRT World’ gabaaseera.

Mootummaan Ingiliiz waayita Keeniyaa Koloniin bulchaa turtetti hidhattoota Maawu Maawu fi lammiilee Keeniyaa biroorratti yakka ajjeechaa dabalatee badii garaagaraa raawwachuu warraaksichi ibseera.

Mootummaan Ingiliiz kana dura haleellaa fi badii raawwateef dhiifama gaafachuu fi beenyaa gaafatame kaffaluu garichi kan ibse yoo ta’uu, beenyaan kaffalame gidiraa fi hammeenya hidhattoota Maawu Maawurra qaqqabeen kan wal hin madaalle ta’uu himeera.

Bara Faranjootaa 2022 Manni Murtii Mirga Namoomaa Awurooppaa miidhaa loltoonni Ingiliiz lammiilee Keeniyaarratti raawwatan ilaalchisee himata banee ture.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.