Fana: At a Speed of Life!

Warqeen karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture Birrii miiliyoona 64tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Warqeen karaa seeraan alaa daddabarfamaa ture Kiiloo Giraamni 16 Birrii miiliyoona 64 baasu Magaala Nageellee Keellaa Doollootti to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.
Warqeen konkolaataa Piikaappii jedhamuun dhoksaan fe’amee magaalaa Nageellee ka’uun gara naannoo Somaalee imalaa ture Hordoffii qaamoleen nageenyaa federaalaa fi naannoo Oromiyaa taasiisaniin to’atamuu ibsameera.
Warqeen kun haala gabaa ammaan Birrii miiliyoona 64 ol kan baasu ta’uu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Konkolaachisaan to’annoo jala kan oole yoo ta’uu, Warqichis kuusaa Buufata Gumurukaa Magaalaa Nageelleetti argamutti galii ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.