Fana: At a Speed of Life!

Warqeen gatii tilmaama sharafa alaa Baankiin Biyyaalessaa guyyaa guyyaan baasuun akka daldalamu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2016 (FBC)-Dhiyeessitootaa Warqee hundaaf kaffaltiin kan raawwatamu gatii Warqee gabaa addunyaan gatii tilmaama sharafa alaa Baankiin Biyyaalessaa guyyaa guyyaan baasuun baay’atee akka daldalamu Bankichi beeksise.

Baankichi, gatii daldalaa Warqee ilaalchisuun ibsa baaseen, Baankiin Biyyaalessaa Warqee dhiyeessitoon dhiyaatu qofummaan kan bitu ta’uu eereera.

Gatiin ittiin bitus yeroo yeroon jijijjiiramuun dhiyeessitoota kan jjabeessuu ta’uu ibsuun, baankichi imaammata sharafa alaarratti jijjiirama taasisuun imaammata gabaan hogganamu waan hordofuuf dhiyeessitootaa warqee hundaaf kaffaltiin kan raawwatamu gatii warqee gabaa addunyaatiin tilmaama sharafa alaa Baankiin Biyyaalessaa guyyaa guyyaan baasuun baay’atee akka ta’e akeekeera.

Dhiyeessitoonni Warqees gatii tilmaama sharafa alaa marsariitii Baankii Biyyaalessaa irra ilaaluun kaffaltii ammoo Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa itti gurguranirraa argachuu akka danda’an hubachiiseera.

#Oromia Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.