Fana: At a Speed of Life!

Warqeen Birrii miiliyoona 3.4tti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti Warqeen Birrii miiliyoona 3.4tti tilmaamamu too’atame.
 
Warqeen hammi isaa Kiiloo giraama 1.4 ta’e Imbaasii Kaameeruun Ityoophiyaatti argamuu gara Ministeera Dhimma Alaa Kaameeruunitti ergaa imaltootaa fakkeesuun alaatti baasuuf wayita socha’aa ture too’atameera.
 
Gatiin Warqee kanaas gatii Baankiin Biyyaalessaa Ityoophiyaa wayita ammaa bittaa warqeef baaseen Birrii miiliyoona 3 fi kuma dhibba 4 baasa jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.