Fana: At a Speed of Life!

Warqee fi faayaan Birrii karaa seeraan alaa kuufamaan to’annaa jala oolaan

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaatti mana nama dhuunfaa keessaatti sakattoo taasifamee warqeewwanii fi faayaan Birrii  kiilo giraamni 8 ol karaa seeraan alaa kuufamaan to’annaa jala ooluu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Qajeelchi poolisii kutaa magaalaa Addis Katamaa eeruu hawaasaarra qaqqabbeen sakattoo mana namaa dhuunfaa keessaatti taasifameen yeroof gatiin isaanii kan hin baramnee warqeen kiilo giraamni tokkoo fi walakkaa fi faayaan Birrii kiilo giraamni  6 fi walakkaan kuufamee tureerratti  qorannoo taasisaa jiraachuu ibsameera.

Shakkamichi kutaa magaalaa Addis Katamaatti hoji gaggeessaa waldaa Aksiyoonaa daldalaa fi walitti qaba waldaa aksiyoona daldalaa biroo ta’uusaaniin alaatti hojii daldalaarratti kan hirmaannee ta’uu beekameera.

Hawaasni n kaka’umsaan naannoosaanii eeguurra darbe dhimmota shakkisiisoo kaminiyyuu qaamolee nageenyaaf eeruu laachuu cimsee itti fufuu poolisiin magaalaa Finfinnee waamichaa dhiyeessera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.