Waraqaan Qorannoo ka’umsaa tarsiimoo nyaataa fi Sirna nyaataa Haadhoolii fi Daa’immanii ifoome
Finfinnee, Bitootessa 14, 2015(FBC)- Waraqaan Qorannoo ka’umsaa tarsiimoo nyaataa fi Sirna nyaataa Haadhoolii fi Daa’immanii ifoomeera.
Qorannichi Immamataa nyaataa fi Sirna Nyaataa bara faranjoota Hagayya 2018 raggaa’e raawwachisuuf shoora olaanaa qabaata jedhameera.
Sagantaa qoranicha ifoomsuurratti Ittaanaan Muummee Ministiraa Fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqa Makonnin fi Ministiroonni garaagaraafi qooda fudhattoonni argamaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, bu’uura waadaa Saqooxaatiin hanga 2030 tti Qucaaruu hambisuuf hojiilee jalqabamaniin, Aanoolee 240 keessatti hojiin jajjabeessaan hojjetamuu ibsaniiru.
Ityoophiyatti bara 2025’tti Qucaaruu daa’immanii %40 hir’isuuf abdiin jiraachuu qoranichi kan mul’isu ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.