Waraqaan qabiyyee lafaa hektaara kuma 424 horsiisee bultootaaf kenname
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC)– Waraqaan qabiyyee lafaa hektaara kuma 424 horsiisee bultootaa Godina Baalee Bahaa Aanaa Raayituu fi Saawweenaaf kennamuu Biiroon Lafaa Oromiyaa ibse.
Saganataan waraqaa ragaa qabiyyee lafaa kennuu gaggeefameera.
Ittaanaa Hogganaa Biiroo Lafaa Oromiyaa Obbo Abdoo Abdulqaadir waltajjicharratti, horsisee bultoota gandoota 24 keessatti argamaniif waraqaan abbaa qabeenyummaa lafaa heektaara kuma 400 fi kuma 24 kennameera jedhan.
Tajaajila kanaan abbootii warraa kuma 37 fi 724 fayyadamaa kan taasisu ta’uudhas jedhan.
Mirga itti fayyadama lafaa waliinii hojiirra oolchuun qubsuma seeraan alaa naannawaa daangaatti uumaamu hambisuu fi kunuunsa qabeenyaa uumamaa fi oomishtummaa dabaluuf waraqaan ragaa abbaa qabeenyummaa lafaa waliinii kennamuun murteessaa ta’uun ibsameera.
Sagantaan kun Biiroo Lafaa Oromiyaa fi Dhaabbata USAID waliin ta’uun lafa sirnaan bulchuu fi itti fayyadama lafaa ammayyeessuuf waraqichi kan kenname ta’uun ibsameera.
Muluu Waaqshuumeetu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.