Fana: At a Speed of Life!

Waraqaa eenyummaa argachuun mirga lammiilee qofa utuu hintaane mirga namoomaati-TKM

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC)- Waraqaa eenyummaa argachuun mirga lammiilee qofa utuu hintaane mirga namoomaati jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ibse.

Tajaajilichi Sadarkaa Idil Addunyaatti Fulbaana 6, “Guyyaa Beekamuu” sagantaalee garagaraan kan kabajamaa jiru ta’uu ibseera.

Warqaan eenyummaa mirga lammiilee qofa utuu hintaane mirga namoomaa waan ta’eef, tajaajiloota bu’uuraa argachuuf, mirga kabachiisuu fi dameewwan diinagdee fi hawaasummaa irratti hirmaannaa taasisuuf barbachisaadha jedheera.

Namni hunduu beekamuu fi mirga beekamuu akka qabu tajaajilichi eereera.

Dhaha Faranjootaan Fulbaanaa 16, kan kabajamu “Guyyaan Beekamuu” Idil Addunyaa Itiyoophiyaatti Fulbaana 6, 2017, odeeffannoo waa’ee warqaa eenyummaa dijitaalaa waliin ga’uun, barbaachisummaa waraqaa eenyummaa Biyyaalessaa “Faayidaa”, fayyadamummaa fi mirgootaa lammiilee odeeffannoo kennuun kan kabajamu ta’uu ibseera.

Itiyoophiyaan “Guyyaa Beekamuu” wayita kabajju, lammiileen waraqaa eenyummaa akka fudhatan taasisuu, tajaajiloota jiran guddisuu fi guddina diinagdee irratti gahee qabaatu argisiisuuf kutannoo qabaachuun, karoora ce’umsa dijitaalaa Afrikaan adda duree akka taasisuu ibsameera.

Fulbaana 6-13, 2017’tti sadarkaa biyyaalessatti duula galmee warqaa eenyummaa biyyaalessaa gaggeeffamuun cinaatti Manni Hojii Sagantaa Warqaa Eenyummaa Dijitaalaa Biyyaalessaa, Waajjiraa Ministira Muummee fi Tajajilli Kominikeeshinii Mootummaa walta’uun sochii galmee dabalatee qophiiwwan walitti fufiinsaa ni gaggeessu jedhameera.

Sirna waraqaa eenyummaa dijitaalaa “Faayidaan” hanga ammaatti lammiileen miliyoona 10 galmaa’uu tajaajilichi beeksiseera.

Guyyaa beekamuu ilaalchisuun pirojektii Itiyoophiyaa ijoo kan ta’e waraqaa eenyummaa dijitaalaa “Faayidaa” jiraattonni akka galmaa’aniif sosochiin akka taasifamu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.