Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Yukireenii fi Raaashiyaa marii nagaan dhaabbachuu qaba- Siriil Raamaafoosaa

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2015 (FBC)- Waraanni Yukireenii fi Raashiyaa gidduu dirqama dhaabbachuu qaba jechuun Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafosaan gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Putiinitti himan.

Pireezidanti Siriil Raamaafoosaan jila isaanii biyyoota biroo jaha waliin Magaalaa St. Pitarsibagi Masaraa Moorummaa Konistaantinoviskiitti pireezidant Putiin waliin wayita mari’atanitti Waraanni kun dirqama dhaabbachuu qaba; daandii dippilomaasii fi mariin furamuu qaba jedhaniiru.

Yuukireen torban darbe humnota Raashiyaa ofirraa qolachuuf deebisanii haleeluu eegaltullee, Raamaafoosaan waliigaltee kan barbaaduu fu tarkaanfiilee nageenyaa mirkaneessuu walitti fufiinsa qabu irratti jillii jaarsummaa Afrikaa qabxiilee 10 baase dhiyeessaniiru.

Pireezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii jila jaarsolii araaraa Afrikaa Kiiv turanitti Raashiyaan hamma lafa Yukireen weerarte hin gadhiifnetti mariif akka hin teenye himaniiru.

Pireezidantiin Raashiyaa Putiin ammoo Yukireen yoomiyyuu mariif fedha qabaachaa hinjirtu jedhan.

Gareen jilaa nageenyaa dureewwan biyyoota Afrikaa hammate waraanni Raashiyaa-Yukireen dhaabbachuu qaba ejjennoo jedhuun gara biyyoota kanneenii imaluu BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.