Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Sudaan keessatti eegalame torbee 3ffaaf itti fufuun gaaga’amaa hamaa qaqqabsiisaa jira jedhame

Finfinnee, Eebla 22, 2015 (FBC) – Waraanni Sudaan keessatti humna Waraanaa fi humna Addaa biyyattii gidduutti eegalame torbee 3ffaaf itti fufuun gaaga’amaa hamaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsame.

Hanga ammaatti lammiileen nagaa 512 ajjeefamuu fi kumni 4 fi 200 ol madaa’uu ibsameera.

Muummeen Ministiraa duraanii Sudaan Abdallaa Haamdook waraana amma biyyatiitti gaggeeffamaa jiru yoo dhaabbanne akka Sooriyaafi Liibiyaa addunyaa yaaddeessu ta’u akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Wal dhabdee aangoo’ata raayyaa ittisa biyyaaafi humnoota addaa biyyattii jidduutti umamee hordofee waraanni Ebla 15, 2023 Sudaan keessatti eegale.

Waraana gaggeeffamaa jiruun wal qabatees jiraattoonni Kaartuum miiliyoonan lakkaa’aman hanqina bishaaniifi ibsaatiin rakkataa jiru.

Lammiileen Sudaan hedduunis malawwan geejjibaa argataniitti fayyadamuun, waraanicha keessaa baqachuuf Ityoophiyaa dabalatee gara biyyoota ollaa kan taate Sudaan fa’itti baqataa jiru.

Lammiilee Sudaaniin alattis biyyoonni garaa garaas dhukaasa dhaabuu dheereeffameetti fayyadamuun lammiileesaanii karaa lafoo, galaanaafi qilleensaatiin biyyattii keessaa baasuuf yaalii taasisaa jiraachuu ibsameera.

Maddi:- BBC fi miidiyaalee Sudaan

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.