Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Sudaan hanga ammaatti lubbuu lammiilee nagaa 300 caalu galaafate

Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) –Waldhabdeen Sudaan keessatti mudate hanga ammaatti lubbuu lammiilee nagaa 300 caalu galaafachuu ibsame.

Lammiilee Sudaan qofa osoo hin taane dippilomaatonniifi lammiilen biyyoota biroo Sudaan keessa jiran sababa waraana kanaan manatti danqamuun haleellaf saaxilamuu eerameera.

Namoonni kuma10 hanga kuma 20 ta’an, sababa waraana kanaan gara Chaaditti akka baqatan dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii ibseera.

Namoota kanneen keessaa hedduun isaanii daa’immaniifi dubartoota ta’uu gabaafameera.

Qaamoleen wal-waraana: Waraanni Sudaanifi Humni Addaa Sudaan loltoota lakkoofsan guddaafi hidhannoon jabaa ta’e qabu.

Waraanni Sudaan loltoota idilee leenjii gahaa qaban hanga kuma 120 ta’an qaba jedhame.

Humni Addaa Sudaan ammoo loltoota hanga kuma 150 ta’an qabaachuu eerameera.

Qaamoleen wal-waraanan kunneen qaama mootummaa cehuumsaa turan. Bara 2021 tti Jeneraal al-Burhaan mootummaa sivilii aangorraa buusun aangoo qabate.

Waraanni Sudaan humni addaa yeroo gabaabaa keessatti waraana biyyattii akka dabalamu fedha. Gaggeessan Humna Addaa Jeneraal Mohammad Hamdan Dagalo ammoo yeroo dheeraa barbaada.

Waraanni Sudaanis ta’ee Humni Addaa sudaan diingdee biyyattii keessaa harka dheeraa qabaachuu BBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.