Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Raashiyaa naannoo Keersaniin guutumaa guutuun to’ate

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC)- Duulaa waraanaa Yuukreenitti gaggeeffamaa jirun waraanni Raashiyaa naannoo Keersaniin guutumaa guutuun to’achuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Raashiyaa beeksiseera.

Dubbi himaan Ministeerichaa Meejar Jeeneraal  Iigoor Koonasheenkoov akka himanitti, uummattooni Dooneesik duula loltoota haleeluu cimsanii kan itti fufan yoo ta’u, farraa haleellaa Yuukreeniin cabsanii seenuun naannoo Keersaniin keessatti kan argamtu Panteeloomonovaakaaniin to’achuusaanii ibsaniiru.

Dabalataanis iddoo da’annaa loltoota mindeeffamtoota alaa Yuukreeniin to’achuun Meesaa’eela farraa taankii Jaaveeliin Ameerikaatiin hojjetamee 10 fudhachuus ibsaniiru.

Guyyoota darbaniif duula gaggeeffameen humni qilleensa Raashiyaa iddoowwan filataman 16 kan haleelee yoo ta’u, Suu Yuukreeniin 24 fi Suu-25, 13 xiyyaroota nama malee akkasumas Miigii 1 fi xayyaaraa 8 rukutuu danda’uu ibsn.

Guyyaa duulli waraanaa jalqabeerra eegale meeshaaleen waraanaa Raashiyaa waliigalaan, xiyyaaroonni nama malee 156, taankonnnii fi konkolaattoonni waraanaa biroon kumni 1 fi 306, rookkeettonni 127,  madfiiwwan dirree waraanaa 471 fi kanneen biroon barbada’uu dubbi himichi ibsaniiru.

Maddi:-Isipuutniik

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.