Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Raashiyaa magaalaa Liimaan guutummaan guutuutti to’achuu gabaafame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Waraanni Raashiyaa magaalaa kutaa Baha Yuukreen Liimaan jedhamtu guutummaan guutuutti to’achuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii beeksiseera.

Gama biraatiin imala waraanni Raashiyaa gara Silooviiniskitti taasisu Humni Ittisaa Yuukreen qolachuu ragaaleen gama Yuukreeniin ba’aa turaniiru.

Bulchiinsa Yuukreen Luhaaniskii keessa lotoonni Raashiyaa kuni 10 ol bobbafamanii jiraachuu bulchaan naannoo Bahaa Yuukreen ibsuu gabaafameera.

Waraanni Yuukreen ittisuuf waraanni Raashiyaa ammoo magaalaa Liimaan to’achuuf waraana guyyoottaniif ture gaggeessuu gabaasni TRT ni ibsa.

Preezdaantiin Yuukren Vooloodiimiir Zalaniskiin waraanni naannoo Giddugala Indaastirii kan taate Doonbaasitti gaggeeffamaa jiru hammaachaa dhufuun biyyoonni Lixaa deeggarsa meeshaalee waraanaa  akka cimsan gaafataniiru.

Kun kanumaan osoo jiruu Raashiyaan miisaa’ela Hayparsoonik Ziirkoon Kiriiz jedhamu milkaa’inaan furguggisuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii ifoomseera.

Preezdaantiin Raashiyaa Viiladmiir Puutiin jalqaba bara kanaarratti miisaa’eliiwwan haaraa fageenya kiiloomeetira kuma 1 furguggifamuu danda’an yeroo gabaabaa keessatti dirqamarratti kan bobbaasan ta’uu dubbachuun isaanii kan yaadatamudha.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.