Fana: At a Speed of Life!

Waraanni obbolaa lamaan kan walficcisiisu ta’uu mudannoon Iityoo Eertiraa ragaadha jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Waraanni obbolaa lamaan kan walficcisiisu ta’uu mudannoon Iityoo Eertiraa ragaadha jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy sirna badhaasaa Noobeelii Nageenyaa 2019 Noorweey Ooslootti argamuun haasaa taasisaniiru.

Haasaa isaanitiinis waraanarraa faayidaan kan hin argamne ta’uu waraana Iityoo Eertiraarratti yeroon qaaman hirmaadhee turetti argeera jedhaniiru.

Badhaasa Noobeelii kanas maqaa Ityoophiyaanota, Eertiraanota, Afrikaanotaa fi nagaa jaalatan maraan nan fudha jedhaniiru.

Waraana mudatee tureen obbolaan wal ajjeesanii, qabeenyi manca’ee, lammiilen qayee isaanii dhiisanii buqqa’aniiru, daangaas walitti cufanii maatin addaan hafeet ture; sanammoo preezdaantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqii waliin furreerra jedhan.

Ityoophiyaa fi Eertiraan garuu diina waloo hiyyummaa qabu. Hiyyummaa keessaa ba’uuf diinagdeedhan walitti hidhamuuf tumsaan hojjechuuf tattaaffachaa jirra, bu’uuraalee misoomaarratti hojjechaa jirra jedhan.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad yaada Ida’amuurratti ibsa laataniiru.

Nageenyi yoo jiraate, yoo ida’amne, qabeenya qabnu sirnaan fayyadamnee badhaadhinatti cee’uu dandeenyas jedhan.

Dooktar Abiy haasaa isaanitiin “Yoo ollaan nagayaan bule, nagayaan bulani.” jechuun nageenyaf xiyyeeffannaa laatan ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.