Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Kooriyaa Kaabaa gara daangaa Kooriyaa Kibbaa bakka waraanarraa bilisa akka ta’u murtaahee turetti bobba’uuf akka ta’e beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2012 (FBC) – Waraanni Kooriyaa Kaabaa gara daangaa Kooriyaa Kibbaa bakka waraanarraa bilisa akka ta’u murtaahee turetti bobba’uuf akka ta’e beeksise.

Piyoong Yaanga waraana erguuf kan doorsisaa jirtu namootni biyya ishee gananii Kooriyaa Kibbaa jiran ergaawwan piroopogaandaa kaabatti ergaa waan jiranifi.

Obboleettiin Kiim Joong Un, Kiim Yoo Joong humni waraanaa biyyattii duuluuf akka qophaa’u humna waraanaaf ajaja dabarsiteetti.

Humni waraanaas ajaja kana fudhatee naannoo waraanarraa bilisa akka ta’u murtaa’etti to’annoo akka cimsu beeksiseera.

Naannoo daangaatti ergaawwan garagaraa afuuffeen fuudhee gara Kaabaa akka geessu godhamu hariiroo biyyoota lameen kanaa hammeessaa jira.

Kooriyaan Kibbaa doorsisa ollaa ishee kanaaf deebii yoo laattu Ameerikaa waliin ta’een sochii waraanaa Kooriyaa Kaabaa hordofaan jiraa jetti.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.