Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Ameerikaa bakka waraanaa Afgaanistaan gadi lakkisee ba’uun isaa dhaga’aame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC)- Waraanni Ameerikaa bakka waraanaa Afgaanistaan Baagriim jedhamu gadi lakkisee ba’uun isaa ibsameera.

Loltoonni kunneen iddichaa gadi lakkisanii kan ba’aan bu’uura waliigaltee Waashiingitaanii Taalibaan waliin taasisaan ta’uu aanga’oonni olaanoo ministeera raayyaa ittisa biyyaa Ameerikaa himaniiru.

Kanarratti hundaa’ee waggootta 20f adeemsa nageenyaa kabachiisuu Afgaaniistaan irra kan turee dhaabbii Ameerikaa fi waadaan loltootaa kaabaa (Neetoo) loltoonni kunneen iddoo waraanaa Baagriim jedhamu guyyaa har’a gadi lakkisanii ba’uun isaanii ibsameera.

Lotloonni kunneen bakkicha gadi lakkisanii ba’uun isaanii Ameerikaan Afgaanistaanitti giddu seentummaa waraanaa ga’uun isaa ni mirkaneeffama jedhameera.

Yeroo ammas bakkichi to’annaa loltoota mootummaa Afgaanistaan jala jiraachuu ibsameera.

Bakka waraanichaa loltoonni Ameerikaa nageenyaa eegsisaan kumni 2 fi 500 hanga kumni 3 fi 500 ta’aan ni jiraatuu turan.

Maddi:-Rooyiteers

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.