Fana: At a Speed of Life!

Waraana Ityoophiyaatti uumameef kan itti gaafatamu garee shororkeessaa ABUT – mana maree waloo paartilee siyaasaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC) – Waraana yeroo ammaa Ityoophiyaatti uumameef maddii fi kan itti gaafatamu garee shororkeessaa ABUT ta’uu Manni Maree Waloo Paartilee siyaasaa Ityoophiyaa beeksiise.

Manni marichaa dhimmoota waqtaawaarratti dhaabbilee idil addunyaaf Hoteela Sharaatanitti ibsa laateera.

Gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf hojjechaa jiraachuu ibseera.

Ityoophiyaan diimookiraasii fi sirni siyaasaa ammayyaan akka jiraatu hojjechaa turuu kaasaniiru.

Waraanni garichi bane waggaa tokko lakkoofsiisuu fi yeroo ammaa naannolee Amaaraa fi Afaaritti babal’achuu manni marichaa ibsa isaan eereera.

Waraanichi gaaga’ama lubbuu lammiilee hedduu qaqqabsiisuu fi qabeenyi biyyattii hedduun barbadaa’uu ibseera.

Garichi waraana biyya diiguu gaggeessaa jiraachuu manni marichaa himeera.

Gaaga’amaa fi miidhaa hammattaa namaa fi qabeeyarra ga’eef maddi garicha ta’uu ibseera.

Miidiyaaleen, dhaabbileen idil addunyaa, mootummoonnii fi namoonni dhuunfaan haala waqtaawaa biyyattii haala dabeen dhiyeessaa jiraachuu eeruun, ololli kun qaama waraanichaa ta’uu manni marichaa ibseera.

Ummanni karaa gurmaa’een naannoo fi biyya isaa diina keessaa fi alaarraa eeggachuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Lammiilee sababa waraanaan qa’ee fi qabeenyaa isaanirra buqqa’an deebisanii dhaabuuf mootummaa fi hawaasni waliin ta’uun deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka qaban gaafateera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.