Waraana baname adda waraanaan, dhiibbaa diinagdee ammoo itti gaafatamummaa fi tokkummaa biyyaalessaan moo’annee ni dabarra – Injinar Taakkalee Uumaa
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014 (FBC) – Waraana baname adda waraanaan, dhiibbaa diinagdee ammoo itti gaafatamummaa fi tokkummaa biyyaalessaan moo’annee ni dabarra jedhan Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalee Uumaan.
Adda lamaaniinuun ni moo’anna, gamtokkoon waraana birmadummaa biyyaarratti aggaamame, gama biroon kanaan walqabatee dhiibbaa diinagdee dhufu dandamachuuf itti gaafatamummaa fi tokkummaa biyyaalessaan moo’annee ni dabarra jedhan fuula Miidiya hawaasummaa isaaniin.
Ityoophiyaa baraaruun itti gaafatamummaa hunda keenyati jedhan Injinar Taakkalaan.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna