Fana: At a Speed of Life!

Waraana ABUT bane ittisaa imala badhaadhinaa itti fufsiisna- Obbo Mallas Alamuu

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Harka tokkoon waraana garee shororkeessaa  ABUT bane ittisaa harka biraan imala badhaadhinaa eegalle itti fufsiisna jedhan hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Finfinnee Obbo Mallas Alamuun.

Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laftootti manneen waliin jireenyaa 70 namoota harka qalleeyyiif ijaaraman eebbifamaniiru.

Sirnicharratti argamuun haasawaa kan taasisan obbo Mallas Alamuun, Piroojektoonni kunneen kallattii Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kaa’aniin piroojektoota lafarra harkifatan guyyoota 60 keessatti xumuruuniifi piroojektoota haaraa eegaluun yeroo gabaabaa keessatti haala baasii qusataniifi qulqullinaan xumuramuu eeraniiru.

Piroojektiin ashaaraa hojii tola ooltummaa ta’e, gaarummaa, waliif yaaduufi walgargaaruu kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

Bara kana qofaatti manneen kuma 8 lammiilee kuma 40 fayyadamoo taasisan ijaaramuun fayyadamtootaaf dabarfamanii kennamaa jiraachuu eeruun, hojii tola ooltummaa hawaasaafi abbootii qabeenyaa dinqisiifataniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan kutaa magaalichaa obbo Mulunahi Fayyisaa gamasaaniin, manneen guyyaa har’aa eebbisiifaman misooma magariisaa, manneen kitaabaa, manneen qulqullinaa 24, manneen fincaanee 36fi suuqiiwwan 7 kan of keessatti qabatan ta’uu eeruu ragaan Waajjira paartii Badhaadhinaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Sirnicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi magaalichaa argamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.