Fana: At a Speed of Life!

Waqtii gannaa facaatiin dhibee Busaa dabaluu waan danda’uuf Uummatni of eeggannoo taasisu qaba- Biiroon Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Waqtii gannaan walqabatee facaatiin dhibee Busaa dabaluu waan danda’uuf Uummatni of eeggannoo barbaachisaa  taasisu akka qabu Biiroon Fayyaa Oromiyaa hubachiise.

Ittisaa fi to’annoo dhibee busaa fi facaatii dhibeewwan biroo waqtii gannaa ka’uu danda’an ilaalchisee Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti uummatni %87 dhibee Busaaf saaxilamoo tahuu Dooktar Mangistuun himaniiru.

Dhibee Busaa ittisuufi to’achuuf hojii hojjetameen dhibechi %83 gadi bu’uun himameera.

Haata’u malee facaatiin dhibechaa dabalaa jiraachuu kaasaniiru.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa dhaabbilee deeggartootaa waliin tahuun Aanaalee 249 keessatti hojii dhibee busaa dhabamsiisuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinoota 13 fi Magaalota 16 keessatti facaatii dhibechaa hambisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Hojii hanga ammaatti bookee busaa dhabamsiisuuf hojjetameen, waggoottan 10’n keessatti Agoobarri miiliyoonni 30 raabsamuu eeraniiru.

Bara darbe ammoo Agoobarri miiliyoonni 2.3 raabsameera jedhan.

Bara kana raabsaa waliin wal qabatee rakkoon jiraatus Agoobara miiliyoona1.3 raabsamuu ibsaniiru.

Manneen Kuma dhibba 2 fi 90 tti biiffaan keemikaalaa taasifamuu addeesaniiru.

Iddoowwan wal hormaata Bookee Busaa dhabamsiisuuf hojii hojjetamaa jiruun, uummata miiliyoona1.8 hirmaachisuun, lafa meetirik isquweerii miiliyoona 2.3 qulqulleessuun danda’ameera jedhan.

Bara kana qofaa baatiwwan 10’n darban keessatti Qorannoon laaboraatorii miiliyoonni1 ol gaggeeffamuu kaasuun, kanneen keessaa namootni kumni dhibbi 3 dhibee busaan qabuu yaadachisaniiru.

Namoota dhibichaan qabaman keessaa 10 lubbuun darbuu himaniiru.

Kan bara darbeen yoo madaalamu facaatiin dhibechaa %6 gadi bu’eera;haa tahu malee baatii darberraa eegalee facaatiin dhibee busaa dabalaa akka jiru qorannoo gaggeeffameen bira ga’amuu Dooktar Mangistuun eeraniiru.

Keessumaa godina Wallaggaa Lixaatti dhibeen busaa hedduu dabaluu ibsuun,namoonni 99 hospitaalatti yaalamaa jiraachuun himaniiru.

Dhumarrattis Hospitaalota keessa hanqinni dhiigaa waan jiruuf, hawaasni arjooma dhiigaa irratti kanaan dura ga’eesaa ba’achaa akkuma ture ammas cimsee akka itti fufu waamicha dhiheessaniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.