Fana: At a Speed of Life!

Wandimmaaganyi Tashoomaan leenjisaa olaanaa Buna Sidaamaa ta’uun muudaman

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Kilabni Kubbaa Miilaa Buna Sidaamaa leenjisaa yeroo ta’uun tajaajilaa kan turan Wandimmaaganyi Tashoomaa leenjisaa olaanaa taasiisuun muudeera.
Wandimmaaganyi Tashoomaan gargaaraa leenjisaarraa leenjisaa yeroo ta’uun kilabichi sadarkaa 3ffaan akka xumuru taasiisaniiru.
Waggoota lamaan itti aananiif leenjisaa olaanaa kilabichaa ta’uun muudamuu isaanii Sookar Ityoophiyaan gabaaseera.
Leenjisaa Wandimmaaganyi Tashoomaa taphataa sarara ittisaa harka bitaa Buna Sidaamaa, Magaalaa Hawaasaa fi Hadiyyaa Hoosaa’iinaa ta’uun tajaajiluun isaanii kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.