Fana: At a Speed of Life!

Wanciin yeroo hundaa qulqulluu fi kennaa uumamaa taate turtetti–Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 3, 2016 (FBC)- Wanciin yeroo hundaa qulqulluu fi kennaa uumamaa taatee turtetti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaanin akka eeranitti, kennaa umamaa dinqisiisaa simatanii kunuunsuu fi misoomsuun hojiilee nurraa eegamaniidha.

Adeemsa ijaarsa Mandara Ikkoo Tuurizimii Dandii–Wancii keessatti lammiilee kuma 8 hanga kuma 12’f carraan hojii uumamuus Dooktar Abiy ibsaniiru.

Bu’uuraalee misooma guguddoo hojjetaman keesaa, daandiin kiloomeetira 43, ibsaan daandiirraa kiloomeetirri 35 fi dhiyeessiin humnaa, riqichi meetira 72 fagatuu fi Manneen Barnoota ijaaramuu eeraniiru.

Dargaggoonni naannawichaa hojiilee misoomaa guguddoon gaggeeffamaniin dinaagdee umamaa jirurraa fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsan.

Hawaasni naannawichaa carraa fayyadamummaa bal’aa argachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.