Wanbaraatti lammiileen kumni 1 fi 395 giddugalatti deebi’aniiru
Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Godina Matakkal Aanaa Wambaraatti hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiru hordofee lammiileen kumni 1 fi 395 gara Giddugalaa Koongitti deebi’aniiru.
Lammiilee deebi’an keessaa 99 daa’imman ta’uun ibsameera.
Naannawichatti nageenyi mirkanaa’aa jiraachuu hordofee, marii hawaasaa gaggeeffameen kutaaleen hawaasaa hedduun bosona keessaa gara giddugalichaatti deebi’aa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii Godina Matakkal irraa argame ni mul’isa.
Sababa farreen nageenyaan lammiilee bosonatti dheessanii turan, qaamoleen nageenyaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin ta’uun hawaasa gara qe’eesaaniitti deebisaa jiru jedhameera.
Lammiilee gara giddugalichaatti deebi’aniifis deeggarsi namoomaa barbachisaan taasifamaa jiraachuu ibsameera.
Nageenya hawaasaa mirkaneessuuf hojiileen olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uun himameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.