Fana: At a Speed of Life!

Waltumsaan hojjechuun jijjiirramuun barbaachisaa ta’uu preezdaant Saahilawarq Zawdeen beeksisan

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Waltumsaan hojjechuun jijjiirramuun barbaachisaa ta’uu preezdaant Saahilawarq Zawdeen beeksisan.

Kopha kophaa deemurra waliigalteen tumsaan imaluun bu’a qabeessa nama taasisas jedhaniiru.

Jijjiirrama eegalle walqabanneet galmaan geenya jedhan looreetiin noobeelii nageenyaa addunyaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad affeerraa irbaataa gammachuu badhaasichaa sababeeffachuun masaraatti qophaa’erratti haasaa taasisaniiru.

Muummee ministiraa simannaa miidhagaa taasifameef galateeffatanii, jijjiirrama eegalame galmaan ga’uuf harka wal yaa qabannuun dhaamaniiru.

Preezdaant Isaayyaas Afawarqii fi ummata Eertiraas galateeffataniiru.

Walqabannee hojjechuun kadhaa fi hiyyummaa keessaa ni baana.

Ityoophiyaanonni wal gaadi’uurra waliin yoo hojjenne kan nu hir’ate, kan nuuf hin kennamin hin jiru, bakka barbaannu ni geenya jedhaniiru.

Baay’istanii hin rafinaa, ummanni biyya hiyyeetti qabu hojjechuu malee hirriibaf yeroo hedduu gubuu hin qabu jedhan.

Dhiyeenyatti saatalaayitii gara hawaatti furgugsina, tapha siyaasaa bakkasaa eegnee yaa taphannu, ijaarsa biyyaarratti garuu wal yaa tumsinuun dhaamaniiru.

Dooktar Abiy affeerraa irbaatatiin booda naannoo Booleetti biqiltuu kanaan dura dhaaban bishaan obaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.