Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin yaada hayyoota hiikaa heera mootummaa ilaalchisee gaggeeffama jira

Finfinnee, Caamsaa 8, 2012 (FBC) – Waltajjiin yaada hayyoota hiikaa heera mootummaa ilaalchisee Sharaatan Addisitti gaggeeffama jira.

Waltajjichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra dhimmoota heera mootummaatti gaaffi dhiyaate dhaabbilee fi qaamooleen dhimmi isaa isaan ilaallatu yaada akka itti laataniif waamicha dhiyeessuun isaa ni yaadatama.

Kanumaan walqabatee guyyaa har’aa dhimmoota hiika heera mootummaa waliin walqabaturratti hayyoonni yaada kennaa jiru.

Waltajjicharratti Preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aadde Ma’aazaa Ashaanaafii dabalatee ogeessoonni dhaabbilee garagaraarra walitti baba’aan argamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.