Waltajjiin waloo Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggarii fi Finfinnee taa’amaa jira
Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Waltajjiin Waloo Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggarii fi Finfinnee taa’amaa jira.
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Magaalaa Finfinnee waliin dhimmoota nageenyaa irratti qindoominaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessuun ayyaanotni gurguddoon akka biyyaatti kabajaman sodaaf yaaddoo nageenyaa tokko malee akka milkaa’u taasifamuu Itti Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaan Kilaastara Diinagdee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloo himaniiru.
Kaayyoon waltajjichaas ciminoota hojii qindoominaan hojjechuun galmaa’an itti fufsiisuun hanqinaalee jiran adda baasuun kallattii waloo bu’aa caalmaaf akeeku waliin kaa’achuuf tahuu eeraniiru.
Qindoominni hojii magaalota lamaaniin bu’aawwan jajjaboon galmaa’uu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan himuu ragaan Kominikeeshinii Magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia