Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin waloo dhaabbilee Haqaa Biyyaalessaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)-Waltajjiin waloo dhaabbiilee Haqaa Federaalaa fi Naannoolee Magaalaa Finfinnee Galmaa Yadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjiicharratti Ministirri Ministeera Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, Koreen Dhaabbii Dhimmoota Haqaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi qondaaltoonni mootummaa argamaniiru.

Akkasumas Hoggaantoonni biiroolee Haqaa Naannolee fi Bulchiinsa magaalotaa argamaniiru.

Waltajjichi yeroo 5ffaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u guyyoota lamaaf tura jedhameera.

Bara bajata 2016 damee haqaan hojiilee ce’umsaa hojjetamanii fi raawwiin karoora baatiiwwan jahan darbanii naannoolee dhiyaachuun kan irratti mari’atamu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.