Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin sosochii “Galii Gibira Kabaja biyyaaf” jedhu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 23, 2016 (FBC)- Ministeerri galiiwwanii mata duree “Galii Gibiraa Kabaja biyyaaf” jedhuun waltajjiii sosochii Abbootii Amantaalee hirmaachise gaggeessaa jira.

Sosochiin erga jalqabame bu’aa olaanaa argamsiisaa jiraachuurraan guyyaa har’aas Abbootii Amantaalee waliin gaggeeffamuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii Ayinaaleem Nugusee himaaniiru.

Aadde Ayinaalam akka jedhanitti dhaloota biyya isaa jaallatu horachuu fi kaffaltootaa gibira amanamummaa qaban horachuun barbaachisaadha.

Abbootiin amantaalees manneen amantaa gaggeessan keessatti hubannoo uumuun guddina biyyaa keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahatan dhaamaniiru.

Galiin biyyaa yoo akkaataa barbaadamuun sassaabame bu’uuraalee misoomaa biyyattii utubuu keessatti gaheen inni qabu olaanaa ta’uu kaasanii, dhaloota hanna galii balaalleffatu ijaaruun, manneen amantaalee keessattis barnoota kennuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.

Kaffaltoonni gibiraas dirqama isaanii yeroo akka kafalan hubannoo uumuunis muryteessa ta’uu kaasaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.